Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahii Marii fi Gumaata Qabsoo Bilisummaa Oromoo

Walgahii Maree fi Gumaachaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamuu  konyaa sadaan ( Konyaa Oromiyaa, Minnesotaa fi WBO)   Minnesota keessatti argamaaniin Waxabajjii 20, 2009  qopha`ee milkii fi injifatnoon xumuramee jira. Waligahii kun yaadannoo gotootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof  wareegaman, faaruu alaabaa fi eeba manguddootaan  eegalame.  Baga nagaan dhuftanii fi ibsa haala yeroo  Barreessaa Koree Qunnamtii Konyaalee Sadaan J/Badhaasaa Tarrafaa eega kennamee booda bilbilaan HD ABO J/ Dawuud Ibsaa walgahii guyyaa kana hawaasa irratti argamaan  nagaa gaafachuun  bobba`aaf akka naannoo USA jiranii fi bali`naan akka hawaasa Oromoo Minnesota qamaan arganii yeroo dhiyootti  mare bal`laa godhuuf deemaan ibsuun walgahii kana banan.

 

Maree qopha`ee kana irratti kan keessumaa ta`aanii nu argaman  Hayyuu Oromoo Dr. Mohamed Hassan, Professor University Georgia dha. Isaanis mata duree “Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOn dursamuu eessa irraa gara kamittii?” kan jedhu irratti   hawaasa Oromoo Magaalaa Lakkuu fi naanno isaatti argaman 300 olii ta`aaniif barnoota bal`laa  kennanii jiru. Barnoota isaanii keessatti hawaasni Oromoo biyyaa alaa ilaalcha siyaasaa adda addaa yoo qabatatee illee  walitti dhufeenya isaa akka hiriyaa fi Oromootti qabu akka jabeefatuu, motummaan cunqursaa duranii fi kan ammaWayyaaneen ABO balleessuf yaaltu illee sababa inni ummataa isaa Oromoo qabuuf  akka hin milkooffnnee, nami  dhaaba isaa ABO bira dhabatu kaayyoo isaaf malee nama keessa jiru ilaalee ta`uu akka hin qabnnee , dhaabii keenya ABO immoo haalaa fi yeroo ilaalee of foyyeessuun  hojjachuu akka qabuu, hawaasin biyyaa alaa immoo  ijaaramuun qabeenyaa fi dandeetiin akka dhaaba isaa ABO bira dhabatuu  fi k.k.f kan jedhu yaada dabarsanii turan. Ibsaa kana irratti gaaffii fi  marii bal`laan  deemsiifamee jira.  Barnootaa fi yaada isaan dhiyeessan hawaasa achitti argaman akka isaan waada isaanii haroomsanii dhaaba isaanii ABO fi warana isaanii WBO bira dhabatan daran kakkasee ture.  Haala kanaan miseensoota, caayalee ABO (Caayaa Irkoo WBO, Caayaa Utubaa ABO fi Caayaa Bokkuu) fi hawaasi achitti argamaan gumaacha dhaaba isaanii ABOdhaaf  guyyuma kana Dolaaraa Kuma Soddomaa olii gumaacha godhanii jiru. 

 

Sagantaa  Gumaataa booda sagantaa  irbaataa dubartoota fi shamaraan  Oromoon qopha`ee  irratti nyaati Oromoo dhiyateen kessumooti keessumeefaaman booda mareen kutaa lamaffaa  itti fufuun yaadii gaabisaa fi hamileen gutamee  Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamuu mana keessa gumaachamee jira. Gaafii mana keessa ka`eef illee Hayyuun Oromoo Dr. Mohamed Hassan   deebii fi ibsa ballaa kennanii jiru.  Walgahiin kun sa`aa 3:00 w.b eegalee sa`aa 8:00 w.b milikii fi injifatnoon xumuramee jira

Koree Qindeessituu.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net